Paarlaamaan Liibiyaa muummicha ministeeraa haaraa filachuuf kamisa sagalee kennuuf jira. Kan aangoo irra jiran Abdulhamiid Dibiibaah garuu lammiiwwan Liibiyaa mootummaa ce’umsaa ka biroon yeroo itti hoogganaman ka biroo qabaachuu hin qaban jechuu dhaan fudhatama dhabsiisn.
Yeroo ce’umsaa ka biroo hin eeyamu. Filannoon hamma geggeessamutti waadaa uummataaf seenne qooda mootummaan ba’uu qabu irraa boodatti hin jennu jechuu dhaan Dibiibaaha kaleessa haasaa dhageessisaniin beekisaniiru.
Filannoon karoorfame yoo geggeessame, kaadhimamtoota torba keessaa lama qafaatu filanoo irratti hirmaachuuf mirkanuu sirnaa argata.
Kaadhimamtoonni lamaan waraqaa isaanii guutummaan galfatan Fathii Bashagaa fi Kaalid al-Bibaas. Afaan yaa’iin mana maree kan magaalaa Tobruk bahaa Aqiilaa Saaleeh kanneen biroon shan immoo warqaa isaanii kan guutuu hin ta’in dhiyeessan jedhan.
Dibiibaah Guraandhala waltajjii marii siyaasatiin kan muudaman yoo ta’u, paarlaamaan baatii Muddee keessa muummicha ministeeraa haaraa fulachuutu irra ture. Garuu caasaa filannoo sana irratti walii galtee irra waan hin ga’amneef, haalli nageenyaa amansiisaa ta’uu dhabuu fi kaadhimamtoonni falmisiisoon kan akka Seyiif al-Islaam Gaadaafii achii as ba’uun walii galte dhabiinsa uumee, paarlaamaan filannoon sun yeroo obiraatti akka darbu taasisee jira.
Muummichi ministeeraa haaraan aangootti dhufuu kan danda’u yoo xiqqaate garee milishaa ijoo Misrataa kan Tripolii keessatti beekamuun fudhatama yoo qabaate jechuu dhaan bakka bu’aan waraanaa duraanii Wolfgang Puuszatii dubbagtaniiru.
Muummichi ministeeraa yeroo ammaa Dibeebaah fi kaadhimamaa kan ta’an Fatii Bashaghaa lamaanuu Misrata irraa waan ta’aniif gareen milishaa ka biroos waan jiraniif isa kam irraa akka fudhatamu hin beekamin jira.