Xurree ittiin seenan

Breaking News

Briteen Yukireeniif Loltoota Kuma Tokkon Gumaacha Jette


Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen biyyi isaanii loltoota gumaachuuf jiraachuu beeksisan
Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen biyyi isaanii loltoota gumaachuuf jiraachuu beeksisan

Muummichi ministeeraa Briteen Booris Joonsen hoogganoota NATO fi Pooland waliin kamisa har’aa wal arguu isaanii dura, haleellaa Raashiyaan geessistu kamiinuu mudachuu kan malu gargaarsa namoofaaf deggersa gochuuf jecha loltoota 1,000 qophee akka ta’an Biriteen ajajjee jirti. Imala diplomaaummaa kan Joonsen dura, Mooskoo waliin muddamni jiru hammaataa ennaa adeemetti angawoonni Yukireen deggersa waraanaa kan ergan ta’uu galateeffataniiru.

Itti aanaa ministrii ittisaa Yukireen Viacheslav Shapovalov akka jedhanitti, fdraan dursee deggersi waraanaa qabiyyee daangaa Yukireen irra jiru mirkaneessuu danda’ama. Gocha kanneen haleellaa oofuu dura dhaabachuuf yeroo mara qophee ta’uu keenyaaf mallattoo gaarii dha jedhan.

Deggersi ergame kun gonfoo mataa fi qabattoo rasaasa ittisu ta’uu ennaa Joonsonii fi prezidaantiin Yukireen Voldoymyr Zelenskyy mari’atan irratti walii galaniiru.

Hoogganaan Briteen qajeelfamni NATO cimee hojii irra ooluun barbaachisaa ta’uu isaa ibsuuf akkasumas ennaa Raashiyaan loltoota ishee daangaa Yukireen irratti walitti qabdee jirtu kanatti Raashiyaan attamiin deggersa waraanaa dhiyeessuu akka dandeessu mari’achuuf jecha gara Biraaselsii fi Warsootti qajeelaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG