Xurree ittiin seenan

Breaking News

HIriirri Farra Fonqolcha Mootummaa Sudaan Keessatti Ammas Ka’uun Ibsame


Dubartoota hiriira irratti hirmaatan, Sudaan, Guraandhala 2, 2022.
Dubartoota hiriira irratti hirmaatan, Sudaan, Guraandhala 2, 2022.

Sudaan keessatti fonqolcha mootummaa waggaa darbe waraanni geggeesse mormuu dhaan namoonni kumaan laka’aman irra hdduun dargaggoota dhiiraa fi dubartootaa kaleess mormii isaanii dhageesisanii jiran

Mormitoonni kun magaalaa galma mootummaa biyyattii Kaartumii fi daandiiwwan magaalaalee ka biroo keessati yoo hiriiran waraanni aangoo dhuunfachuu akka dhaabu gaafatniiru.

Dhimma siyaasaa kan leellistu Jafaar Kader akka jedhetti uummati Sudaan, Kaartuumii fi kutaa kaabaa akkasumas Jaziiraa fi baha Darfuur keessaa warraqsa wal irraa hin cinne geggeessuu itti fufaniiru. Warraaqsi kun hanga galma isaa ga’utti akkasumas ka biyyattii bulchaa jiru hoogganaa mana maree walabaa Al Burhaan fi itti aanaa isaanii Generaal Mohammed Hamdaan Dagaaloo angoo irraa buusee mootummaan dimoktaatawaa kan sivilii hanga hundeeffamutti itti fufa jedhee jira.

Alaabaa Sudaanii fi suraalee namoota kana dura hiriira geggeessaman irrati walitti bu’iinsa poolisii waliin geggeessamaniin ajjeefaman agarsiisuu fi dhaadannoolee fonqolcha mootummaa mormu dhagessisuu dhaan sochii biyyattiin gara dimokraasiitti geggeessitu kan hogganu mootummaan sivilii akka hundaa’u gaafataniiru.

Poolisiinis gaazii imimmaansuu biifuu fi rasaasa laastikaa kan dhukaase yoo ta’u, hiriitota mormii dhakaa drban irratti bishsaan itti biifee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG