Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Rakkoo Yukireenii Fi Raashiyaa Furuuf Mala Diplomaasummaan Filadha Jedhan


Ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Biliinken, Guraandhala 11, 2022.

Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken, ennaa walitti bu’iinsi Raashiyaa waliin jiru kanatti rakkoo Yukireen keessaaf furmaata diplomaasummaa kan filatan ta’uu cimsanii dubbatan.

Bilinken Melborn Awustiraaliyaa keessatti gitoota isaanii kan Awustiraaliyaa, Hindii fi Jaapaan waliin ta’uu dhaan tuuta oduuf ibsa kennaniin tarsiimoo Yunaayitid Istees dhimma Rashiyaa waliin jiru irratti qabdu dubbataniiru.

Raashiyaa hirmaachisuuf yaalii danda’ame mara goonee jirra. Yaaddoowwan isheen kaaste ilaaluuf, yaaddoo nuti qabnu, kan michoonni Awrooppaa fi wal taatonni qabanif akka nuyiifis isaaniifis ta’utti yoo mlli nageenyaa argame jennee jedhan. Blinken gaaffii gaazixeessota biraa dhiyaateef ennaa deebisan Rashiyaan yoo Yukireeniin weerarte daafoo isa mudatu tarreessanii jiru.

Uggura dinagdee fi maallaqaa dabalee daafoon sun maal dhaqqabsiisuu akka danda’u sirriitti walitti qabaa turre. Meeshaalee gara alaatti ergamu to’achuu. Dandeettii ittisaa yukireen ijaaruu itti fufuuf akkasumas yoo Rashiyaan haleellaa ittti fufte, humna ittisaa cimsuuf cicha qabna jedhaniiru.

Raashiyaan Yukireeniin weeraruuf fedhii akka hin qabaanne ibsitee jirti. Garuu Raashiyaan naannoo daangaa Yukireenitti waraana ishee bobbaasuun Yunaayitid Isteetis fi michoota ishee NATOf yaaddoo guddaa ta’ee tureera.

Raashiyaan Yukirenii fi biyyoonni ripaablikaanii Soovieeti duraanii miseensota NATO ta’uu danda’uu isaanii cimsitee mormiti. NATO meeshaa waraanaa naannoo sana kaa’uu irraa akka of qusatu akkasumas Awrooppaa bahaa keessaa humnootii isaa akka baasu ka barbaaddu ta’uu Raashiyaan beeksistee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG