Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaa Keessaa Lakkoobsi Namootas COVID-19 Qabamanii Ol Ka’uu Akka Danda’u Gabaasame


FAAYILII - Narsii talaallii vaayrasii koronaa kennuuf qopheessee jirtu, Naayroobii, Keniyaa, Amajjii 20, 2022.
FAAYILII - Narsii talaallii vaayrasii koronaa kennuuf qopheessee jirtu, Naayroobii, Keniyaa, Amajjii 20, 2022.

COVID-19 Afriikaa keessaa kan gabaasameen ol dacha torba dabaluu kan danda’u ta’uu isaa fi lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan du’anii immoo harka lamaa hang asadii ol ka’uu isaa WHOtti daayirikterri dhimma Afriikaa beeksisanii jiru.

Dr. Matshiidoo Moo’eettii akka jedhanitti rakkoon caasaa to’annoo kan meeshaalee qorannoo ardittii keessaa ilaalchisee jiru hubannoon vaayiresii kanaaf jiru gad aanaa akka ta’u taasisuu isaa hubannee jirra.

Angawoonni eegumsa fayyaa uummataa yeroo tokko tokko lakkoobsi namoota COVID qabamanii fi du’anii sirriitti kan hin galmoofne ta’uu akeekkachiisaniiru.

Waaltaan qorannoo dhimma vaayiresii koronaa kan Joons Hopkins akka jedhetti, hanga jimaata har’aa ganamaatti addunyaa irraa uummati miliyoonni 406 vaayiresii kanaan yoo qabamu, kanneen miliyoona ja’a ta’an immoo du’aniiru. Tallaaliin COVID 19 biliyoona 10 ol kennamuu illee waaltaan kun beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG