Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanii mootummootaa gamtoomanii  kuusa zayitii boba’aa Yemen bakka jijiiruuf akka ibsame


FAAYILII - TAAKII ZAYITII FSO (Suuraa saatelaayitii), Adoolessa 19, 2020
FAAYILII - TAAKII ZAYITII FSO (Suuraa saatelaayitii), Adoolessa 19, 2020

Dhaabanni mootummoota gamtoomanii kuusa zayitii boba’a hin calalamin isa biyya Yemen keessatti, andara buufata doonii Hudeeyidatti argamuu kaassee bakka birootti dabarsuudhaaf walgaltee irra gahuu isaa dhaabbata mootummootaa gamtoomanitti itti gaafatamaa dhimmaa namoomaa kan ta’an Maartiin Griifts guyyaa kaleessaa yaada mana maree nageenyaa mootummota gamtoomanii irratti kennan keessatti ibsaniiru.

Bakkii zayitiin boba’aa kun bara 1980 jalqabee itti kuusamaa ture kun qabeenyaa Kampaanii biyyaalesaa Yemen yemuu ta’u, Taankeriin zayitii baarmeelii Miiliyoonii 1.1 qabee jiruu 2015 kaasee haaromisii ittu hin taasifaminif jira.

Haanga’oonii mootummootaa gamtoomanii warren dhimma eegumsa nageenya naannoo irratti hojjatan akka jedehanitti kuusaan Zayitichaa dulloomuu isaa irraa kan ka’ee, yoo dhimmisuu jalqabee, buufata doonii Hudeeyidaa isaa karaa gargaarsii namoomaa barbaachisaa ta’an Yemeniif itti galu cufsiisuu danda’a.

Akkasumas, kuusichii doohee zayitiin galaanaa diimaa irratti yoo dhangala’e qurxumiin galaanichaa keessa jiran akka miidhamaniif karaa bidiruuwwan daldalaa galaanaa diimaa irra daddarbanis danquu akka damda’u haanga’onii mootummootaa gamtoomanii ibsaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee oduuwwan bahan akka jedhanitti dhaabata mootummoota gamtoomaniitti itti gaafatamaa dhimma gargaarsa namoomaa kan ta’an Maartiin Giriifts Zayitichii yoon akka guuramuu, issatii akka geessamuu fi waliigalteen taasifamu maal maal akka of keessa qabu wantii ibsan hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG