Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgomaan Olompikii Lammii Eetraa Rakkoon Fayyummaa Sammuu Isa Mudachuu Dubbatee


Atileet Shaanoon Ogbanaayi Abeedaa
Atileet Shaanoon Ogbanaayi Abeedaa

Atleetiin Afriikaa tokkichi torban kana olompikii dhiirotaa guddicha irratti hirmaate, dorgommii ganna bara 2022 dhaqqabuuf rakkoo fayyummaa sammuu fi qaamaa isa mudate injifachuun akka irra ture dubbatee jira.

Lammiin Eertraa Shaanoon Ogbanaayi Abeedaa bara 2018 kooriyaa kibbaa Pyoongchaang keessatti tapha geggeessameen booda yeroo lammataaf tapha olompikii dhaqqabuuf gufuulee isa mudatan dilbata darbe dorgommi fiigichaa booda caasaa hawaasaa fuula Instagram isaa irratti dhiyaatee ture.

'kanneen hin beekneef, topaha Olompikii booda, sababaa fayyummaa sammuu koof dorgommii cabbii irra sigigaatan dhiiseen ba’e jedhe.

'' Dorgommiin koo Olompikee inni dhumaa qaamaa fi miira koo miidhee jira jedha Abeedaan. Miidhaa na irra ga’e, wal’aansa baqasanii hodhuu hedduu, irra deddeebi’ee gadduu fi oguma spoortii keessatti haalawwan nama dararan jiraachuu ibsee jira.

Olompikiitti deebi’uuf illee yeroo dheeraa na fudhate kan jedhe Abedaan baatii Fulbaana darbee dorgommii cabbie irra sigigaachuutti yoo deebi’u, baatii sadii booda dorgommii ganna bara 2022 irratti hirmaachuuf darbee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG