Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Juntaa Burkinaafaasuu Prezidaantii Biyyattii Ta’uu dhaan Hirbuu Seenan


Hooggaaan Juntaa kan Burkinaa Faasoo Lt. koloneel Pool Henrii Sanda’oogoo Damiibaa loltoonni biyyattii dhiya AFriikaa mootummaa erga fonqolchanii ji’a tokko yeroo hin guunne keessatti prezidaantii biyyattii ta’uuf hirbuu seenan.
Hooggaaan Juntaa kan Burkinaa Faasoo Lt. koloneel Pool Henrii Sanda’oogoo Damiibaa loltoonni biyyattii dhiya AFriikaa mootummaa erga fonqolchanii ji’a tokko yeroo hin guunne keessatti prezidaantii biyyattii ta’uuf hirbuu seenan.

Sirni hirbuu seenuu mana murtii heeraatti geggeessame sun guutuu biyyaatti gama sabaa himaan dhageessisamee jira. Dambiyaan hirbuu erga seenanii boodaTV irratti dhiyaachuun haasaa guutuu biyyaa dhageessisaniin, humnootiin naga eegumsaa fi uummanni biyyattii waggoota ja’aa oliif yaaddoo finxaaleyyii irraa ta’etu isaan irra ga’aa ture jedhan.

Uummata Burkinaa Faasoof kabajaan qabuu fi dirqama ani qabuun heera biyyattii eeguu fi kabajuu, eegumsa gochuufii fi uummata Burkinafaasoof haqa isaanii mirkaneessuu fi seera bu’uuraa eeguuf waadaa nan seena” jedhan. Ennaa rakkoon dhufu biyyi keenya yeroo mara cimtuu dha. Kanaafi yeroon rakkisaan kun gara haala wayyaawaatti nu geessuuf carraa gaarii ta’uu qaba.”

Daambiyaan biyyattii waraanaan bututtee kan hammaataa adeeme hookkara al-Qaayidaa fi garee IS kan kumaan kan laka’aman galaafatee uummata miliyoona 1.5 ol qe’ee irraa buqqaase irraa ittisuuf waadaa seenuu dhaan aangoo qabatan.

Daambiyaan aangoo erga qabatanii as humnootii nageenyaa, hawaasa sivilii, duplomaatotafinamoota siyaasaa waliin wal arganii jiru. Garuu filannootti ce’uuf yeroo murtaa’aa hin keenye. Hawaasi addunyaa kun hanga danda’ametti hatattamaan raawwatamuu qaba jedhee jira.

Waraanni enaa aangoo qabatu gara bulchiinsa dimokraatwaa fi siviliitti deebi’uun yeroo dheeraa kan fudhatuu fi yeroon isaa kan hin beekamnee dha jechuu dhaan hayyoonni dhimma walitti bu’iinsaa qoratan beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG