Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeeneeraallii Amerikaa Biyyota Afrikaa Bahaa Sadii Daawwatan 


Jeneraallii waraana Yunaaytid Istees kan waaltaa waraanaa Amerikaan Afrikaa keessaa qabduuf ajajaa ta’an steefan Taawonseend Jabuutii, somaaliyaa keeniyaa kan dawwatan yoo ta’u, kunis waa’ee nageenya walii jajjabeesuuf ta’uun beekamee jira.

Dawwannaa Afrikaa bahaa keessatti gaggeessan kanas Kamiisa kaleessaa kan xumuuran yoo ta’u, hogganoota sivilii fi waraanaa biyyoota sadeenii waliin wal arganii jiru.

Shoroorkeessummaa ittisuu irratti waaltaan ajaja waraanaa Amerikaan Afrikaa keessaa qabdu attamiin akka hojjatu, akkasumas haala nageenyaa wal xaxaa ta’e keessatti rakkoo dhaqqabuuf birmannaa ta’u irratti imalli isaanii kan qiyyaafate ta’uun ibsamee jira.

Waaltaan ajajaa kan Amerikaan Afrikaa keessaa qabdu, michoota isaa kan kutaa fi kan addunyaa waliin, diploomaasii, misoomaa fi eegums ykn ittisa irratti qiyyaafachuun michooma jiru dandeetti qubsaa ta’eetii foyyeessu, akkasumas nageenya jajjabeesuun Afrikaa keessatti seeraan buluun akka jiraatu taasiisa.

Jeneraal Taawonseend Jabuutiitti Ambaasaaddarri Amerikaa Jonatan Praat,akkasumas biyyoota gaanfa Afrikaatti garee yakka qoratu kan hogganan Meejeer Williyaam Zana, barreessaa duree ministeera haajaa alaa Jabuutii Alii Hassan waliin michooma biyyoota lameen giddutti jiru irratti dubbatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG