Ardii Afrikaa kutaa Saahiil keessatti hanqiinni wabii nyaataa guddaan mudachuu isaa saganyaan nyaata addunyaa beeksisee jira.
Knaafis sababaa kan ta’e, gatiin qaala’uu sochii shoroorkeessootaa, gaaffiin jiru hedduumaachuu fi weerara dhukkuuba KOOVIID 19n kan ka’e ta’u dhaabnii Tokkummaa mootummootaa kun ibseera.
Burkinaa Faasootti bakka bu’aan jaarmayaa kanaa haallii jiru akkaan sodaachisaa ta‘u fi baatilee dhufan keessa uummanni miliyoona heddduun beela’uuf akka jiru akeekkachiisan.
Vidiyoon marsariitii hawaasaa irra jiran gareen shoroorkeessootaa kanneen Islaamik Isteetes fi Al Oaayidaatti hidhata qaban, baadiyyaa Burkinaafaasoo keessatti walaba ta’anii ennaa sosso’an fi sivilootaa fi humnootii nageenyaa warra kan isaanii hin taane irratti haleellaa ennaa geesiisan agarsiisa.
Gabaa Burkiinaa Faasoo keessatti gatiin Fonii dabalaa jira. Sababiin isaas, gareeleen shoroorkeessootaa beeleedaalee saamanii fudhachuun hedduuminaan waan gaggeeffamuf ta’uun beekamee jira.
Kutaa sana keessatti gatiin nyaataa gabaa irraatti qaala’uuf sababaa adda addaatu jira kan jedhu sagantaan nyaata addunyaa, Afrikaa dhiyaa fi waaltaa keessatti uummanni Miliyoona 28 wabii nyaataa hin qaban jedha.
Shoroorkeessonni beeleedaalee hatuu inni jedhu sababaa xiqqoo tokko kan jedhu jaarmayaan kun, sababaa guddaan biyyonni ollaa nyaata Burkiinaafaasoo keessatti omishamee argachuuf gaaffii guddaan dhiyaachu isaati jedha.