Raashiyaan guyyoota heedduu fullee keenyaa keessatti Yukreeniin weeraruuf carraa guddaatu jira jedha prezidaantiin Amerikaa Joo Baaydiin. Angawoonni sadarkaa olaanaa bulchiinsa isaanii 3 Awuroopaa keessatti michoota isaanii waliin haala muddamsa Awuroopaa gama bahaa irratti yeroo dubbachuuf jiranti, jiran kanatti akeekkachiis Baaydiin kun dhaga’ame.
Kamiisa kaleessaa Yukreen keessatti olmaann da’immanii kan haleelamee yoo ta’u, kabaafis angawoonni Amerikaa Raashiyaa komataa jiru.Waajiira haadhoo kan NEETOO keessatti ministeerri ittisaa kan Amerikaa Loyiid Ostiin haasawaa dhageesisanii, Raashaan walitti bu’iinsa waraanaa kaasuuf waan tokko gochuu malti jennee yeroo haga tokkoof dubbataa turre.Kanaaf itti dhiyeenyaan hordoofuu itti fuufna jedhan.
Raashaay waraanaa fi xayyaara gara daangaa biyyoota lameenti butuu itti fuufteetti jedhan Loyiid.