Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yakka Dubartoota Irra Ga’u Keessaa Dubartoonni Harka Qaban Jiru,Jedu Hoggantoonni 


Faayilii - Yunversiitii Naayjeeriyaa keessaatti beeksisa maxxanfame, Bara 2016
Faayilii - Yunversiitii Naayjeeriyaa keessaatti beeksisa maxxanfame, Bara 2016

Dubartoota addunyaa irratti sababaa sagaagalummaan biyya tokko irraa gara biraatti seeraan ala dabarsamanii miidhaan irra ga’u irra jireessa keessaa dubartoonni Naayjeriyaa tokko ta’u kan beeksiisan dhabaatonni Tokkummaa Mootummootaa, garu dubartoonni ofuuma isaanii iyyu yakka akkasii rawwachuu keessaa harka qaban akka jiran beeksisanii jiru.

Bara 2014 Latifaa Ayodeelee fira ishee dubaartii taateetu akka isheen gara Maaleeshiyaa deemuun akka barnoota ishee itti fuuftuuf afeere.Garu imaltuu hamaa booda Libiyaa ennaa geessu dubartii ishee bushiituun hojii sgaagalummaa irratti akka bobbaatu taasifamuu dubbatti.

Kokolaataa duubaan banaa Hiluuks waan jedhan qabu. Namoota gara 24 ta’uutu duubaan ala ta’a.Keessa immo nama saddeeti fe’u. walitti tuchaanee dhiibboon teenya. Dubartiin nu bulchiitu immo akka nuti maallaqa hin gaafanneenf kokolaataa Haayluuks kan biraa keessa jirti jette.

Hanga guyyaa miliqxee baddutti waggaa 4f garbummaa sagaagaluun qabamtee turu dubbatti.

Dhaabati Naayjeriyaa keessattti namoota seeraan ala deddebisuu ittisuuf hundeeffame akka jedhutti, namoota seeraan ala nama deddebisan jedhamuun bara 2019 shakkiin hidhaman keessaa walakkaa kan ta’an dubartoota umriin guddaa kanneen shamarranii fi dubartoota kanneen biroo seeraan ala daddabarsan ta’u ibsee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG