Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tumtoonni Yunaayitid Isteetis Putin Yukireeniin Weeraruu Isaanii Balaaleffatan 


FAAYIII - Mana Maree Ameerikaa - Kaapitool Hiil
FAAYIII - Mana Maree Ameerikaa - Kaapitool Hiil

Seera tumtoonni Yunaayitid Isteeyis har’a ganama weerara isaan Yukireen irratti gegeessaniif prezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Putinin qeequu dhaan, bulchinsi Baayiden waggoota 70 ol keessatti lola walii galaa yeroo jalqabaaf geggeessame ilaalchisee tarkaanfii ariifachiisaa akka fudhatu gaafatanii jiran.

Vilaadmir Putin lubbuu hedduu kan lammiiwwan Yukireenii fi Raashiyaa wareeguuf murteessuun soda irraa kan madde, soda biyyi hollaa jirtu wallaba ta’uu ishee, abbaa biyyummaa ishee kan kabachiistuu fi gara dimokraasii fi walabummaatti akka hin deemne eeyamuu dhabuu irraa madde kana seenaan ni mirkaneessa jechuu dhaan dura taa’aan koree hariiroo alaa kan Senetii Bob Menendez ibsa har’a ganama baasaniin beeksisaniiru.

Ripaablikaanonni kongiresii keessaa Putin weerara kana akka hin raawwanne human ga’aa hin gargaamne jechuun qeeqanii, yoo waltajjii addunyaa duratti Yunaayitid Isteetis dadhabduu fakkaatte daafoo hamaa qaba jechuun akeekkachiisan.

Haa ta’u malee hogganaan koree dhimmootii alaa ripaablikaantichi Michael McCaul, hoogganaan koree tajaajila waraanaa ripaablikaantichi Mike

Roges I hoogganaan koree dhaabbataa mana maree kan dhimootii basaasaa ripaablikaantichi Mike Turner ibsa baasaniin hookkara Yukireen keessaaf guutummaan prezidaantii raashiyaa himatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG