Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Raashaa Mormuun Hiriirri Gaggeefamee Jira 


Prezidaantii Raashaa Mormuun Hiriirri Gaggeefamee Jira 
Prezidaantii Raashaa Mormuun Hiriirri Gaggeefamee Jira 

Humnootiin Raashaa Kamiisa kaleessaa Yukreeniin eega haleelanii booda, namoonni dhibba hedduun magaala Moskoo waltajjii seent pitiisbarg, Yekaterinburg fi iddoo biraa biyyatti keessatti mormii gaggeessaa jiru.Gama kaaniin, magaalaalee Awuroopaa qabee hanga Awustraaliyaatti jiran keessatttis mormiin kun itti fufee jira.

Namoonni 400 Moskoo keessatti kan walitti qabaman yoo ta’u kanneen 100 ta’an waltajjii seent piitisburga irratti ta’u, gareen mirgaaf filmuu fi sababaa siyaasaaf jecha namoota Raashaa keessatti hidhaman hordoofu kan Raashaan immo ergamaa biyya alaati ittiin jette OVD-Info beeksisee jira.

Hiriirtonni kun dhaadannoolee haleellaa Raashaan magaalaalee fi maadheelee waraanaa Yukreen keessaa irratti gaggeessite morman dhageesiisan.Barreeffamaan fudhatanii kan ba’an immo, duula waraanaa hin deggerru kan jedhu ture.

Polisoonni humnaan hiriirtoota gidduu kan seenan yoo ta’u magaalaalee lameen keessaa namoota kurna hedduu hidhan.

Kan magaala Moskoo irraa kiloo meetra 1700 fagaattee kan argamtu waltajjii magaala Yekaterinburg keessatti namoonni kurna hedduun walitti qabanii jiran.

Barreefama duula waraanaa hin barbaannu akkasumas prezidaant Putiin aangoo haa gadhiisan jedhan qabatanii turan. Polisonni hiriirtoota mormii dhageesisaa turan achittis hidhanii jiru.

Magaala galma mootummaa Hangaaii Budaapeest keeessatti hiriirtonni kuma hedduun EmbaasiiRaashaa achi jiru fulleetti kan ba’an yoo ta’u mootummaan biyyatti hariiroo Moskoo waliin qabu dhaabee, dhimmi Raashaa waliin jiru mara akka ganuuf gaafatan.

Kana malees magaalaalee portugale kan ta’an Lizban, Portoo fi Faaroo keessatti kamiisa kaleessaa hiriirri Raashaa mormuu kun gaggeeffamee jira.miseensonni hawaasa Yukreen Embaasii Raashaa gamas jiru fulleetti walittiqabamuun, dhaadannoo Putiniin mormanii fi faaruu aadaa biyya isaanii dhageesisaa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG