Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessa Yaaddoon Sodaa Nageenyaa Akka Jiru Ibsame


FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Maalii, Hagayya 23, 2021.
FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Maalii, Hagayya 23, 2021.

Kaawunsiliin mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummootaa hayyuu walaba Alioune Tine jedhaman mootummaan Maalii akka mirgii namoomaa akka kabajuu akkasumas jajjabeesuuf bara 2018 keessa ramadee ture.

Tine..n Kibxata dabree ibsa tuuta oduuf kennaniin, Guraandhala 8 hanga 17 tti gamasitti imaluun akka ilaalanti Maalii waaltaa fi gama kaabaa keessatti haallii nageenya foyya’insii akka jiru dubbatan.

Fransaayiin muddamas mootummaa waraanaa biyyatti waliin uumameen, humnootii ishee Maalii keessaa baasuu ishee Guraandhala17 eega beeksiiftee as, Michoonni addunyaa biyyatti gadhiisanii ba’uun kan isaan yaaddeesse ta’u ibsan.

Tooftaa nageenyaa caalaatti qindaa’ee kan uummataaf eegumsa taasisuu akkasumas, mirga namoomaa isaanii kabajsisuu irratti qiyyaafateetu barbaachisa jechuun Tineen haasawa isaanii xumuuran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG