Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaan Meeshaa Dhukkuuboota Koovidii fi Busaa Ittiin Qoratan Hojjatte


Keniyaan Meeshaa Dhukkuuboota Koovidii fi Busaa Ittiin Qoratan Hojjatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:26 0:00

Keniyaan Meeshaa Dhukkuuboota Koovidii fi Busaa Ittiin Qoratan Hojjatte

Keniyaan vaayrasii Koronaa fi Busaan qabamuu kan agarsiisu meeshaa ofii hojjachuuf yaalii goteen milkooftee jirti.

Dhaabbatii qorannoo waa’ee Fayyaa kan Keniyaa akka jedhutti, meeshaleen kun hatatamaan dhukkubicha kan agarsiisanii fi hatattamaan kutaaleef kan ergaman ta’a.

Hayyonni saayinsii kan dhaabata qorannoo fayyaa kan keniyaa gama isaaniin, erga weerarrii vaayrasii koroonaa jalqabee kaasee haala dhaabbataa ta’een, waan qorannaaf gargaaruu naannoo isaanii jiru hojjatanii biyya isaanii dhukkuuboota lameen akka hin facaaneef yaalii gootu gargaaruuf hojjataa turan.

Meeshaa akkasii hojjachuun Keniyaan kutaa sana keessatti ishee jalqabaa ta’u ogeessa addaa kan dhukkuba Busaa ka ta’an Fraansiis Kimaanii ibsanii jiru.

Meeshaa qorannoo nannoo keenyatti hojjatu qabna.sirritti kan hojjatuu fi waan naannoo kenya jiru irraa waan hojjatameef gatii salphaan bitatuu.Hojjattonni tajaajiila eegumsa fayyaa Hawaasaaf ennaa itti gargaaraman waan ooguuma guddaas gaafatu miti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG