Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paakistaan Keessatti Balaa Of-Wareegaan Geesisee Lubbu Namaootaa Galaafate


Paakistaan Keessatti Balaa Of-Wareegaan Geesisee Lubbu Namaootaa Galaafate
Paakistaan Keessatti Balaa Of-Wareegaan Geesisee Lubbu Namaootaa Galaafate

Paakistaan Kaaba dhiyaa keessa kan jiru masjiida musleemoota shiyaatti uummata walitti qabamee jiru irratti of wareegaan balaa Bombii geesiisee yoo xiqqaate amantoota 30 galaafatee kanneen biroo 60 caalan madeessee jira.

Balaan kun kan dahqqabees Jimaata har’a waaree booda sirnii kadhataa gaggeffamaa ennaa jiruutti yoo ta’u, magaala namnii itti hedduumaatu Pashaweer waaltaa keessatti ta’uun ibsamee jira.

Hospiitaala naannoo sana jiruuf dubbii himaa kan ta’an Mohammad Asim lakkoobsa namoota ajjefamanii kan mirkaneessan yoo ta’u, kanneen mada’an keessaa 12 caalaan haala lubbuu isaaniif sodaachisuu keessa waan jiraniif lakkoobsii namoota du’anii dabaluuf jira jedhan.

Qondaala polisii gameessa kan ta’an Haroon Rashid, oduu gabaastotaaf akka ibsanti, masjiida lafa Baazaarii beekamaa Qissa Khwani tti argamu irratti of wareegaan haleellaa banee, balbala irratti polisii eegumsa irra turan lama eega ajjeesee booda darbee Majiida keessatti dhuka’aa uffata isaa keessa tullateen of wareegee balaa kana dhaqqabsisee.

Mummichi ministeera Paakistaan Imran Khan haleellaa kana jabeessanii kan balaaleeffatan yoo ta’u, kanneen miidhamaniif kunuunsii hatattamaa akka kennamuu ajajuu isaanii waajirri isaanii beeksisee jira.Balaa kanaaf hatattamaan itti gaafatama kan fudhate hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG