Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himatamtoonni Galmee Dr. Debretsiyoon G/Mikaa'eel Irratti Waamaman Har'a Mana-murtii Ol'aanaa Ramaddii Lidataatti Dhihaatan 


Galmee himannaa yakkaa Dr. Debretsiyoon G/Mikaa’il irratti kan waamaman Dr. Addisalem Baallemaa, Dr. Abrahaam Tekeste, aadde Keeriyaa Ibraahim dabalatee himatamtoonni 16 har’a mana murtii ol aanaa ramaddi Lidataa dhaddacha yakkaa tokkoffaa kan farra shororkeessummaa fi dhimmootii heeraa duratti dhiyaataniiru jechuudhaan abukaatoon isaanii obbo Haftoom Kessete VOAf ibsaiiru.

Dhadachichi har’atti kan beellamame, qorannaan yakkaa komiishina poolisii federaalaa dhaaba "Suur Konstiraakshinii fi fi "Industrial Injiinering" akkasumas dhaaba "Traans Itiyoopiyaa" fi mana hidhaatii ala kanneen jiran himatamtoota galmee kana irratti waamamaniif waraqaa waamichaa akka ittiin ga’u ajajaii kan itti kennamee ture itti gaafatamaan waajjira qorannaa yakkaa, waamicha sana sababaa ittiin hin ga’in dhiyaatanii akka ibsan beellami ka biroon waan kennameef ta’uu abukaatoon himatamtoota dubbataniiru.

Himatamtoonni Galmee Dr. Debretsiyoon G/Mikaa'eel Irratti Waamaman Har'a Mana-murtii Ol'aanaa Ramaddii Lidataatti Dhihaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:21 0:00

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG