Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraayti Gargaarsi Ergamaa Jira: Mootummaa 


FAAYILII - Namoota nyaata fudhachuuf balabala namaa irraa dhaabbatan, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.
FAAYILII - Namoota nyaata fudhachuuf balabala namaa irraa dhaabbatan, Maqalee, Caamsaa 9, 2021.

Tigraay keessatti gaaffii gargaarsa dhala namaa barbaachisuuf kan ooluu kokolaataa gargaarsa fe’an qalbiin karaa Afaar sossosaa kan jiru ta’u mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa Ibsa kamiisa kaleessaa galgala baasee Kanaan kokolaataa gargaarsa fe’an 20 akkasumas kokolaataan boba’aa fe’an 3 samaraa irraa gara Maqaleetti qajeelaa jiran.

Daayreekteerri walii galaa kan jaarmayaa fayyaa addunyaa(WHO) Tedroos Adhaanoom Robii darbee namoonni dawaa farra dhukkuuba HIV/AIDS dhabuun kan du’aa yoo ta’u sagantaan kana waliin walqabatee gaggeeffamaa turees amma hin jiru jedhan. Dhukkuuba sombaa, dhiibbaa dhiigaa dhukkuuba sukkaaraa fi kaansariin wal’ansa argataa waan hin jirreef jecha du’uu malu jedhu.

jira. Sabaa hanqiina boba’an kan ka’e jaarmayonni michuu jaarmayaa Fayyaa Addunyaa ta’an hojii isaanii gaggeessuu irraa duubatti akka deebi’an dubbatan.

Waajirri dubbii himaa mootummaa jecha Dr Tedroos kun dhugaa miti jechuun fudhatama dhabsiise.Dr Tedroos qajeelfamaa fi akeeka jaarmayichaan ala hojjatu jechuun himatee jira.

XS
SM
MD
LG