Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Awurooppaa deeman


Pirezdaant Joo Baayiden Koloneel Maatiwu Joonsi yeroo harka fuudhan, Bitootessa 23, 2022
Pirezdaant Joo Baayiden Koloneel Maatiwu Joonsi yeroo harka fuudhan, Bitootessa 23, 2022

Prezidaantiin yuunaayitid Isteets joo Baayiden dhimmaa Wal waraansaa Raashaa fi Yukreen irratti biyyoottan lixaa warreen Yunaayitd Isteetsii waliin dhaabatanu wajjiin marii taasisuudhaaf gara Braaselsii fi Waarsootti imalaniiru.

Magaala Braasels Keessaatti kan taasifamuu walgahii atattamaa biyyoottan miseensaa NATO irratti kan hirmaatan Joo Baayiden ,hoggantootaa biyyoottan Dureeyii Torbanii Wareen G-7 jedhamanii beekamanuu fi hoggantootaa gamtaa Awurooppaa walii maryachuuf akka ta’e kan ibsan gorsaan dhimmaa nageenyaa yunaayitid Isteets Jaak Suliivan sababa imala prezidaant Baayiden akkana jechuudhaan ibsaniiru.

"Qoqqobbii dabalataa Raashaa irra kaa’uudhaa fi akkaataa isaa kanaaduraas jabeessuudhaaf danda’amuu fi akkataa weerara Raashaa cabsuun danda’mu irratti shariikotaa keenyaa waliin dubbachuuf deemu. Akkaataa egereen qaama umnaa NATO gara lixaa keessatti cimuu danda’u irratti wareen nuu wajjin dhaabbatanii jiranii waliin hojjatu. Akkaataa nageenyaa enarjii guddisuufi akkaataa biyyoottan Awurooppaa fulduratti fayyadama gaazii Raashaa keessaa bahuu danda’an ijjannoo waloodhaan fudhatamu ifa taasisu."

Prezidaant Baayden waa’ee gargaarsaa baqattoota waraanaa miiliyoonaan lakkawamanii irratti maryachuudhaaf gara biyyaa Poolandti imaluudhaan magaalaa Waarsoo keessatti, Prezidaatii Poolaand Andrzej Duudaa waliin akka maryatan gabaasameera.

Prezidaant Baayiden Mooraalee baqattootaa poolaandiin keessa jiran daawwachuu maluu tilmaama jedhu Masaraan Waayit Haawus hin mirkaneesine.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG