Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Al Shabaab Somaaliyaa Keessatti Raawwateen Seera Tumtoota Keessaa Tokko Dabalatee Namoonni Torba Du’aniiru


FAAYILII - Namoota konkolooataa haleellaa Al Shabaabin barbadaahe bira darbaa jiran, Guraandhala 2022.
FAAYILII - Namoota konkolooataa haleellaa Al Shabaabin barbadaahe bira darbaa jiran, Guraandhala 2022.

Kan al-Shabaab itti gaafatamaa isaa fudhate haleellaalee lama oobii kaleessaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni torba du’uu poolisiin Somaaliyaa beeksisee jira.

Namoonni hidhatan lama kan akkaan eegamu buufata xayyaara Moqaadhishoo erga haleelanii booda yoo xiqqaate namoonni ja’a du’aniiru. Kanneen du’ankeessaa lamii somaaliyaa tokkoo fi lammiiwwan biyya alaa shan kan keessatti argaman ta’uu poolisiiin beeksisee jira.

Namoonni hidhatan lamaan humnootii naga eegumsaan ajjeefamuu dubbi himaan poolisii Major Abdifattaah Aden Hassan beeksisaniiru.

Buufati xayyaaraa sun waajjirri haadhoo kan AMISOM bakka jiruu fi diplomaatota alaa irra hedduu kan Moqaadishoo bakka itti keessummeessamani.

Kanneen ijaan arganii fi angawoonni naga eegumsaa akka jedhanitti bakka dhukaasi sun itti raawwatame kutaa gama bahaa buufata xayyaarichaa bakka suuqilee hedduun itti argamani.

Angawaan naga eegumsaa sabaa himaaf ibsuuf eeyama hin qabaannee fi eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan VOAf akka himanitti finxaaleyyiin sun, meeshaalee waraanaa xixiqqoo fi boombii harkaa fayyadaman. Poolisiin sadii kanneen miidhaan irra ga’e keessaa ti.

Roobii gara galgalaa, seera tumtoota Somaaliyaa keessaa dubartiin tokko kanneen dho’iinsa lama kan magaalaa Beledweyn keessatti raawwateen du’uu kanneen ijaan argan dubbataniiru. Amina Mohamed Abdi naannoo isaaniitti deebisanii filatamuuf duula filannoo geggeessaa turan.

President Mohamed Abdullahi Mohamed maatii isaaniif gadda itti dhaga’ame ibsuu dhaan shororkeessota gara laafina hin qabaanneen wareegaman jedhan. Haleellaa Beldeweyinitti geggeessameen hanga yoonaa namoonni 30 yoo du’an 30 kanneen ta’an madaa’uu angawoonni naga eegumsaa beeksisaniiru.

Haleellaa isa kanaafis al shababtu itti gaafatama fudhate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG