Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetisii fi Komiishinni Awrooppaa Putiiniin Moggaatti Qooduuf Cichaan Hojjenna Jedhan


FAAYILII - Pirezdaant Joo Baayiden CHaansilerii Jarman yeroo harka fuudhan, Braasils, Beeljiyem, Bitootessa 24, 2022
FAAYILII - Pirezdaant Joo Baayiden CHaansilerii Jarman yeroo harka fuudhan, Braasils, Beeljiyem, Bitootessa 24, 2022

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden prezidaantii komiishina Awroopaa Ursula von der Leyen waliin Biraasels keessatti erga wal arganii booda jimaata har’aa gara Poolaanditti qajeelaniiru.

Baayidenii fi von der Leyen Awrooppaan gaazii uumamaa Raashiyaa irratti hirkachuu gad xiqqeessuuf gurmuun hojjetu hundeessuu labsanii jiran.

Baayiden akka jedhanitti prezidaantichi Raashiyaa Vilaadmir Putin, madda boba’aa irraa bu’aa argamuun Yukireen keessatti waraana geggeessuuf itti gargaaraman jedhan.

Baayiden itti dabaluu dhaan uummati Ameerikaa Putin uummata Yukireen irratti kan geggeessan waraana gara jabinaa fi kan haqaa hin taaneef qaama gumaachu ta’uu akka hin barbaanne ifa gochuun barbaada jedhan.

Von der Leyen gama isaaniin, waraana gara jabinaa Raashiyaan geggeessitu mormuuf murannoo qabachuu keenya agarsiisuuf kaaneerra jedhan. waraansi kun Putiniif kufaatii tarsiimoo ta’a jedhaniiru. Yunaayitid Isteetis waggaa kana Awrooppaa dhaaf gaazii uumamaa cubic meters biliyoona 15 gumaachistee jirti.

Poolaand keessaa Joo Baayiden naannoo daangaa Yukireen waliin wal daangessu magaalaa gama bahaa Rzeszow dhaquuf jiru. Michuu NATO kan taate Poolaand baqattoota Yukireen miliyoonaan laka’aman simattee jirti. Kamisa galgala daayirkiterri ol aanaan dhaabbata enerjii atoomika addunyaa Raafaa’el Marianoo Groossi akka jedhanitti, Yukireen dhaabbata isaaniif akka himtetti humnoonni Raashiyaa naannoo sanatti kan argamu madda Nukileraa Chernoobil keessa kanneen hojjetan naannoo isaan jiraatan magaalaa Silaavutichi irra kan jiru keellaa sakatta’aa Yukiree haleelanii jiran. Kun immoo balaaf waan isaan saaxiluuf hojjettoonni itti dabalaa naannoo sana keessa akka hin sossoone ittisa.

Deebiin addaa akka kennamu sababaa ta’a jechuu dhaan Baayiden gaaffii gaazixeessota irraa kennameef deebii kennan. NATOn Yukireenitti ce’uun humnoota Raashiyaa dura dhaabbataa? Yoo ta’e gaaffichi yeroo isaatti kan murteessinu ta’a jedhan. itti dabaluu dhaanis waajjira haadhoo kan NATOtti ibssa kennaniin Raashiyaan garee biyyoota dinagdeen badhaadhan 20n keessaa baafamuu dhaan Yukireen wal ga’ee biyyoota duroomanii kan G-20 akka hirmaattu eeyamamuu qaba jedhan.

Baayiden, Raashiyaan Yukireeniin erga weerartee ji’ia tokko ennaa guutee jiru kanatti dhimma isaa hoogganoota addunyaa waliin wal ga’ii geggeessame irratti ka’uu isaa mirkaneessaniiru.

White House kamisa kaleessaa kampanilii Raashiyaa 48 fi namoota siyaasaa beekamoo Raashiyaa 400 irra uggura kan keesse yoo ta’u Baayiden akka jedhanitti tarkaanfiin kun gamtaa Awrooppaa waliin wal ta’uun akka ta’e beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG