Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Hunduraas Duraanii Akka Yunaayitid Isteetisitti Dabarsamanii Kennaman Murtaa'e


Pirezdaantiin Hunduuraas duraanii W
Pirezdaantiin Hunduuraas duraanii W

Manni murtii muummee biyya Hunduraas presizaantiin biyyatti duraanii akka dabarfamanii Yunaayid Isteets ti keenaman murteeseera.

Akka dubbii himaanna mana murtichaa jedhantii prezidaantiin duraanii Juan Orlaandoo Hernaandeez akka dabarfamanii kennaman kan morteeffame sagalee gootuu abbootii seeraa 15n.

Amajii bara 2014 amma Amajjii bara 2022 itii aangoo irra kan turan Hernaandeez baala sammuu namaa Adoochu ykn Diraagii biyya Veenzuweelaa fi Kolombiyaa irraa ka’ee garaa Yunaayitid isteets ti dabarfamuu akka biyyaa isaanii keessaa darbuu eeyyamaniiru, kanaafimoo qarshii Doolaaraa Miiliyoonnatti Lakkawamuu wareen baalaa sana daldalan irraa mattaa fudhataniiruu jedhamanii himatamaniiti.

Xalaayaan Haadhaa warraa isaaniitiin barreefamee Midiyaa hasaaummaa irraatti bahe akka jedhutti, Henaandeez irratti himannaan dhihaatee haaloo ba’uumsaa wareen baala sammuu namaa Adoochuu daladalan wareen bara aangoo isaanii irra turan qabanii Yunaayitid Isteets ti dabarsaanii kennaniiti.

Yoo dabarfamanii U.S ti kennaman adabbii Umurii guutuu dachaa sadii akka isaan irratii murtaa’u Hernaadeez himaniiru.

Bara 2019 obboleesii isaanii Ju’aan Antoniyoo Hernaandeez yakkaa baala sammuu namaa adoochuu fi meeshaa waraanaa daddabarsuudhaan himatamee U.S magaalaa Niwu yoork keessatti hidhaan Umurii guutuu itti murtaa’ee yeroo ammaa mana hidhaa keessa yemmuu jiru, gallmee isaa keessatti obboleessi isaa Prezidaantii Hunduraas alasiis himatamuun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG