Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaa fi Yuukreen Tarkii keessaatti Mariitti Jiru


FAAYILII- Ministeerota dhimma alaa Rashaa, Yukireen, Faransaayi fi Jarman, Barliin, Caamsaa 11, 2016

Yemmuu walwaaraansii Raashaa fi Yukreen gidduutti taasifaama jiru itti fufee kanatti bakka bu’oonii biyootan lammanii dhimaa araara buusuu irratti maryachuudhaaf biyya Tarkii magaalaa Isataanbul keessaa jiru.

Marii guyaa har’aa taasifamaa jiru kanaan duraa prezidaantiin Yuukreen Volodimiiyr Zeleniskii ergaa Viidiyoodhaan dabarsaniin, biyyii isaanii garee kamiinuu wajjin akka dhaabbacuu hin barbaanne labsuudhaaf, carraa kutaa biyyaa isaanii Donbaas jedhamuu isa gara baha biiyyattiiti argamu irratti maryachuudhaaf qophaa’aa ta’u isaanii ibsaniiru.

Ergga walwaraansichii jalqabamee as biyyootan lamman yeroo sadii Beellaa ruus keessatti , yeroo tokko immoo karaa Viidiyootiin marii taasisanii turan. Inni guyyaa har’aa Istaanbul keessatti jarqabame yeroo shanaffadhaaf yemuu ta’u tarkiin biyyootan lamman giduutti araara buusudhaaf sadarkaa aduunyatti biyyoottan dhimmatanii hojjatan keessaa ishee jalqabaa jedhameera.

XS
SM
MD
LG