Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaa Keessatti Nama Fannisanii Ajjeesuu Seera Dhorku Baaydeen Mallatteessan


 Prezidaant Joo Baaydeen seera yeroo mallatteessan, Bitooessa 29, 2022
 Prezidaant Joo Baaydeen seera yeroo mallatteessan, Bitooessa 29, 2022

Nama fannisanii ajjeesuun yakka jibbaa kan sadarkaa fedeeraalaa ta’e akka ilaalamuuf prezidaant Joo Baaydiin seera dhiyaate mallatteessanii jiru. Kunis seerrii kun yeroo jalqabaaf eega dhiyaatee waggaa 100 caalaa booda ta’uun ibsamee jira.

Dargaggeessii gurraacha dubartii aadii tti fooricee ykn siiksee jedhamuun yakkamee ajjeefamee Emmet Till jedhamuun seerri kun moggaafame.Baatii Bonaa kan bara 1955 Misisiipii keessatti kan ajjeefame yoo ta’u bara mirga siviilootaaf qabsa’amu sana keessa, mufannaa guddaa hodoofsisee jira.

Prezidaant Baaydeen Kibxata kaleessaa haasawaa dhageesisaniin Gurraaachoota irratti ajjeechaa hokkaraan guutamee gaggeesuun, dorsiisanii akka isaanii ba’anii sagalee hin laanne taasisan jedhan.

Ajjeechaan gocha shoroorkaa soba namnii Amerikaa keessatti dhalatee kam iyyu wal qixxee miti jedhu jajjabeesuuf itti gargaaramanii dha.shoroorkaa sochii mirga

Dhiira, dubartootaa fi ijoollee nagaa muka irratti funyoon fannisanii, reeffa isaanii guban, bishaan keessa buusan, kolaasan kan jedhan Baaydiin. Sagalee akka hin laannee, mana barnootaa akka hin seennee hojii dhunfaa akka qabaanne dhorkuu fi akka macaafa qulqulluu hin lallabne taasiisan jedhan. Kana amalees sobaan nama ajjeesan meeshaa waraanaa qabu akkasumas saamiinsa gaggeessan jecuun gurraacha waan ta’aniif jecha yakku jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG