Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaatti Ambaasaddarrii U.S naannoo Affaar daawwatan


Itiyoopiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Tireesii Jaakobsen
Itiyoopiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Tireesii Jaakobsen

Itiyoophiyaati Ambaasadara Yunaayitid Isteetes kan ta’an Treesii Jaakobson haala dandamannaa fi gargaarsa namoomaa irratii maryachuudhaaf naannoo bulchiinsaa Affaar daawataniiru.

Ibsi Embaasii Yunaayitid Isteets Finfinneetti argamuu irraa bahe akka jedhettii, Ambaasadar Treesii Jakobson, magaalaa Samaraatti Argamuu dhaan Prezidaantti bulchiinsa naannoo Affaar Awol Araba fi Presidaantii Yuniverstii Samaraa Dr. Mohaamed Usumaniin wal arganii akkaataa gargaarsa namoomaa fi jaarmiyaalee hawaasaa sababa wal waraansaatiin manca’an deebisanii ijaaruu irratti marii taasisaniiru.

Gargaarsi U.S naannoo Afaariif taasiftu akka itti fufu ambaasadar Jaakobson dubbachuu isaanii kan beeksise ibsi Embaasii U.S , baraa 2022 keessaa U.S gargaarsaa Doolaarii Miiliyoonii 90 kan goote yemmuu ta’u, kana keessaa Miiliyooniin 50 misoomaaf , Miiliyooniin 40 immoo gargaarsaa namoomaa hatattamaan barbaachisuuf kan oolu ta’uu isaa eereera.

Dhaabani misooma adduunyaa U.S (USAID) manoottan baruumsaa gargaaraa jiru 200 keessaa tokko kan ta’e mana baruumsaa sadarkaa jalqabaa Megle Kibo daawachuu isaanii ibsi Embaasichaa himeera.

USAID bara 221 gargaarsaa Kaaba Itiyoophiyaatiif kan oolu Doolaara miiliyoonii 100 dhaabbataa saganta midhaan adduunyaatiif (WFP) kan laate yemuu ta’uu, yeroo ammaa garagaarsa namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif kan oolu gargaarsii namoomaa Meetriik toonii 10,000 ta’u man kuusaa magaalaa Samaraa keessa akka jiru ibsii Embaasii U.S beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG