Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Tunisiyaa Parlamaa Mootummaa Isaanii Diigan


paarlaamaa Tuniisiyaa
paarlaamaa Tuniisiyaa

Prezidaantin Tunisiyaa Kaa’is Sa’iid parlamaa mootummaa biyyatti diiguu isaanii ibsaa guyaa har’aa kennaniin beeksisaniiru. Prezidaant Kaa’is ibsaa heeraa biyyatti Keeyyata 72 irratiti hundaa’uudhaan paarlamaa biyyatti diiguu isaanii labsanii, kanas kan godhan nageenyaa biyyaatti fi jarmiyaaleetiif ta’uu isaa dubbataniiru.

Prezidaantii Tunisiyaa tarkaanfii kana kan fudhata, ergaa mana maree biyyatiitti bakka bu’oonii paartii mormitootaa walagahii taasisanii , prezidaantichii aangoo dhuunfachuu akka yaadaa jiran ibsanii booda.

Mormii siyaasaa taasifamuu malu irratti kan akeekkachiisaa kennan prezidaant Ka’iis warreen sochii mormmii qindeessan akka seeraan gafataman ibsaniiru.

Adoolessa 25/2022 haaromsaa siyaasaa karoorfame irratti akka sagalee murtoo ummata kenisiisaan kan waadaa galan prezidaant Kaa’iis filannoon bakkaa bu’ootaa haaraa Muddee 1 /2022 akka taasifamuus beekisisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG