Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Yukreen yakka Seeraan Ala Nama Deddebisuuf Saaxilamanii Jiru


Baqattoota Yukireen gara Pooland qaxxaamuraa jiran, Bitootessa 30, 2022.
Baqattoota Yukireen gara Pooland qaxxaamuraa jiran, Bitootessa 30, 2022.

Raashaan erga Yukreen irratti weerara gaggeessuu jalqabdee as, uummanni biyyatti Miliyoona afuur baqatanii ba’u isaanii gabaasnii Tokkummaa Mootummootaa hubachisee jira.

Irra hedduun isaanii dubartootaa fi ijoollee ta’u fi isaan kunis keessattu seeraan ala nama deddebisuun yakka hojjatamuuf saaxilamuun ibsamee jira.

Dubartoota dheessanii ba’an keessaa tokko kan taatee Mariyaa Viechnaya amma Raashaa keessa kan jirtu yoo ta’u, akka isheen jettuutti/ haallii jiru hamaadha, waan jedhu kan biraa hin qabu garu filannoo biraa waan hin qabneef jecha lubbuu ijoollee keenyaa olchuuf baanee jetti.

Erga weerarrii Raashaa kun jalqabamee kaasee, qabsaa’onni waa’ee mirga dhala namaa akeekkachiisa kennaa turaniin, baqattonni kanneen seeraan ala nama deddebisaniif saaxilamuu maluu jechaa jiran.

Polisiin Polaand baqattoota keessaa lama humnaan gudeedamuu isaanii galmeessee jira. Kanaaf jecha Polisoonni kun haallii akkasii isaan mudachuu akka maluu dubartootaaf odeeffannoo kennuu irratti hojjataa jira.

Namoota fedhii isaanii baqattoota gargaaraa jiran keessaa Liliyaan Boulard akka jettuutti, Dhiiroota suuraa dubartootaa fi shamarranii kaasan arginee jirra. Battalumatti gochi seeraan ala nama deddebisuu jiraachuu akka maluu nu galee jette.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG