Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoottan Afrikaa Gama Lixaa Beela Hamaaf Saaxilamuuf Akka Deeman Himame


FAAYILII - Namoota Somaaliyaa keessatti uqahanii qarqara magaala Moqaadishoo mooraa keessa turan, Bitootessa 28, 2017
FAAYILII - Namoota Somaaliyaa keessatti uqahanii qarqara magaala Moqaadishoo mooraa keessa turan, Bitootessa 28, 2017

Biyyoottan lixa Afrikaa waggoottan kudhanan dhufan keessatti hanqina midhaan nyaataa hamaadhaaf akka saaxilamanuuf namoonni Miiliyoonii 27 ta’an akka beela’uu danda’an dhaabbanii gargaarsa Da’imanii irratii Hojjatu Save The children ibseera.

Gabaasinni save the children kun, lakoofsii namootaa kanaa garaa miiliyoonii 38 akka ol siquu danda’u ibsee, namoonii miiliyoonii 11 ta’an ji’oottan sadan dhufan keessaa beela keessaa seenuu danda’u jedheera.

Biyyoottan Lixa Afrikaa kan akkaa Burkiina faasoo, Niijer, Chaad, maalii fi Naajeriyaa bara 2015 amma 2022 gidduutti lakkoofsii namoottan gargaarsaa midhaan nyataa ariifachiisaa barbaadanii Miiliyoonii 7 irraa gara miiliyoonii 27 ti ol ka’eera.

Afrikaa lixaa fi walakeessatti daarekteera dhaabbataa Oxfaam kan ta’an Assalaamaa Dawaalaak siidii akka jedhanitii, sababa hongee, lolaa, walti bu’iinsa fi dhiibbaa dhibeen Kooviid 19 diinagdee irratti umeen kan ka’ee naannoo Saahil amma tokko keessatti omishinii midhaan nyaataa gadii bu’eera.

Gatiin midhaanii waggoottan shanan darban keessaa dhibeentaa 20 amma 30 ti kan dabale yoo ta’u, lolli dhiheenyaa kan Yukireen irraati baname immoo rakkinichaa daran akka jabeesee gabasameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG