Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Sudaan Hiriira mormii itti Fufaniiru


Lammiiwwan Sudaan Hiriira Mormii geggeessan itti fufanii jiru.
Lammiiwwan Sudaan Hiriira Mormii geggeessan itti fufanii jiru.

Ji’aa Onkoloolessaa darbee fonqolchaa raawachuudhaa aangoo qabatee kan jiru mootummaa loltootaa kan balaaleffatan lammiileen Sudaan kumataamaan lakkaawaman magaalotaa biyyatti keessatti karaa irratti bahudhaan mormii taasisanii jiru.

Mormiin akka haaraatti jalqabamee kun, jeeneraalonni mootummaa biyyatti qabatanii jiran akka aangoo garaa siviilotaatti dabarsan dhibbaa taasisuudhaaf jedhameeraa.

Mormiin kun magaalotaa Kaartuum, Umdurumaan, Qadaariif fi poort Sudaan, akkasumas kaabaa biyyatti Daarfuur keessatti taasifamee jira.

Fonqolchiin aangoo loltootaan raawwatame, waggoottan 30f sudaaniin bulchaa kan turee sirnaa Cunqursaa Prezidaant Ahimad Albashir boodaa ce’uumsaa gara demokiraasitti taasifamuu gufachiisee, biyyatti jeequmsa Siyaasa fi rakkina diinagdee keessaa kan galchee akka ta’ee gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG