Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yaman Aangoo Isaanii Dabarsanii Kennan


Suraa Faayilii: Prezidaantii Yemen
Suraa Faayilii: Prezidaantii Yemen

Prezidaantiin mootummaa Yaman Abdrabuh Mansuur Haadi, aangoo isaanii mana maree prezidaantumaatti dabarsanii kan kennan yemuu ta’uu, manni marichaa wal loliinsa biyyatti keessaa jiru xumuraa itti kennuudhaaf akka garee mormitootaa Huutii waliin hasaa walii galtee taasisu aangoo kennuun isaanii gabaasameera.

Ibsii Kamisa har’aa karaa dhaabataa Oduu Mootummaa SABA jedhamuun bahee akka jedhetti, gorsaa prezidaantichaaf ministiraa dhimmaa biyyaa keessaa duraanii kan turan Rashaad Al Aliimii mana maree miseensotaa 7 of keessaa qabuu akka hogganan ramadamaniiru.

Prezidaant Haadin aangoo Prezidaantii Itti aanaas mana mariichaatiif dabarsaanii ergaa kennanii booda, dhimmaa yaalii nageenyaa irratti akka mana marichaa gargaaru qaamaa miseensotaa 50 of keessaa qabu hundeessun isaanii beekameera.

Yamanitti bakka bu’aa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan ta’an Haans Gruudberg, ji’oottan lammaf gareewan wal waraanaa jiran gidduutti labsiin dhukaasaa dhaabuuf taasifame hookkara hirdhisuu isaa dubbatanii , yeroo ammaa walakkeesaa biyyatti keessatti akka adeemaa jiru kan gabaasamee wal loliinsii dhaabatee gareen hunduu dhukaasaa akka dhaabuu qaban Roobii kaleessaa gaafachuun isaanii gabaasamera.

Bara 2014 gareen huutti magaalaa gudditti Yaman yemuu qabatanii turan Prezidaant Haadin gara Sa’udii Arabiyaatti baqatanii turan. Mootummaan Sa’udii bara 2015 lola waraana qindaawaa ta’e taasisuudhaan Haadin aangootti akka deebi’an taasisan.

Wal loliinsaa Yaman keessaa taasifamaa jiruun kan ka’ee, namoonni kuma 150,000 ol kan du’an yemuu ta’u, yeroo ammaa Yaman adduunyaaa irratti biyyoottan dararamnii namoomaa hamaan keessatti mul’atu keessaa tokko akka taate gabaasameeraa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG