Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Mootummaa Yukreen Gargaarsa Meeshaa Waraana Akka Barbaadan Himan


Ministirii dhimma alaa Yukireen Dimitiroo Kuleebaa
Ministirii dhimma alaa Yukireen Dimitiroo Kuleebaa

Ministirrii dhimmaa alaa Yuukreen Dimiytiroo Kuleebaa, biyyoottan “Raashaadhaa wajjin walitti nubuusaa” jechuudhaan gargaarsaa meeshaa waraanaa biyaa isaanttif gochuu irratti murteesuu hin dandeenyee komataniiru.

Walgahii biyyootan Miseensotaa NATO irratti barreesaa ola aanaa NATO Jeen Stooltenberg cinaa ta’uudhaan kan dubbata Dimiytiroo Kuleebaa, yoo gargaarsaa meeshaa argatan lammiileen Yuukreen ofii isaaniitii lolachuu akka danda’an himaniiru.

Itti dabaluudhaanis ,”Ajandaan koo baayee salphaadhaa. Waa sadii qofaa of keesaa qaba. Meeshaa, Meeshaa fi Meeshaa. Karaan ammaa yukireeniin gargaaruun danda’amu meshaa kennuudhan.Prezidaantii Raashaa Vladimiir Putiin dhaabuudhaaf waraana Raashaa Yukreen keessatii moo’uudhan garaa braatii akka hin babaldhanee gochuu akka dandeenyu amantaa qabna” jedhaniiru.
Barreesaan NATO Jeen Stooltenberg, biyoottan michooman karaa ittisaa lola qileensaa qileensa irraa kan akka xiyyaaraa waranaa fi qolannaa misaa’elaa, karaa meeshaa farra taankii, akka yukereenii gargaaran gaafataniiru.

Ministirrii dhimmaa alaa Yukreen, qoqqobbii biyyoottan lixaa Raashaa irratti taasisaniif galateeffatanii, fulduratis Zayitii boba’aa Raashaa, Fayyadama TWIFT baankota Raashaa fi dooniwwan Raashaa akka buufata doonii kamiiniyyuu irraa hin dhaabbanee gochuu irratti qoqqobiin akka itti fufu gaafataniiru.

Yunaayitid Isteets qabeenyaa maqaa mucaa durbaa Viladmiir Putiniin jiruu dabalatee sochii inveestimentii Amerikaa achi jiruu irratti qoqqobii haaraa labsuun ishee ibsameera.

Karaa biraatiin, Ministeerrii haqaa Yunaatid Isteets ragaalee yakka waraanaa Raashaan raawwachuu ishee agarsiisu waltti qabuu irratti mootummaa yukreen, michoowwan biyyoottan Awurooppa, akkasumas Minsteeraa dhimma alaa Yunaayitid Isteets gargaaraa jiraachuu isaa Abbaan Alangaa Muumee Meeriik Garlaand ibsuun isaanii Gabasameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG