Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi-himaan Tokkummaan Mootummootaa Rakkoo Namoomaa Yeroo Ammaa Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Keessatti Mul’atu Ilaalchisee Ibsa Kennan  


Tokkummaan Mootummootaa Rakkoo Gaanfa Afriikaa Keessaa Ilaalchisuun Ibsa Kenne

Dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Steefan Jaarik beela somaaliyaa keessaa kan ilaaleen ibsa kennaniin gargaarsa dhala namaa waan lama dubbatan. Kunis michoonni keenya kan Somaaliyaa keessaa akka jedhanitti, tokkoffaa roobnii baatii Eblaa fi Waxabajjii gidduu hin argamu taanaa, biyyattiin naannoo 6 keessatti hanga Waxabajii waggaa kanaatti beela’uuf kan jiran ta’uu dha.

Lammaffaan jedhan gatiin nyaataa dabaluun itti fufee gargaarsii dhala namaa hin dabalamuu taanaan rakkoo ta’uuf jira.

Ebla torba bara 2022 jechuun kaleessaa qabee karoorrii gargaarsa dhala namaa karoorfamee Doolaara Biliyoona 1.5 kan gaafate yoo ta’u kunis dhiiroora, dubartootaa fi ijoollee Miliyoona 5.5 kanneen akka hamaatti saaxilaman gargaaruuf oola jedhan.

Itiyoophiyaa kan ilaaleen nutiis taanee michoonni keenya ka biroon gargaarsa gara Tigraay kokolaataan dhaqqabsisuu hin dandeenye kan jedhan dubbii himaan Tokkummaa mootummootaa kunis Ebla tokkoo fi lama konkoolaataan nyaataa fi midhaan madaalamaa akkasumas konkolaataan tokko boba’aa fe’e gamas eega seenee booda ta’u ibsan.

Erga walakeessa Muddee dabree as gargaarsii keenya Tigraay ennaa seenuu kun kan jalqabaati jedhanii, yeroo ammaa walakeessa baatii Eblaa ga’uuf jirra jedhan.Baatii saddeet keessatti yeroo duraaf dhiyeessiin boba’aa karaa semaraa maqalee dhaqqabuu isaa dubbatan.

Jaarmayoonni gargaarsa dhala namaa kanneen Tigraay keeesssa uummata dhaqqabuuf rakkachuu isaanii kanaafis sababaan waan barbaachiisu dhaba irraa akka ta’e akkasumas tajaajilli barbaachiisan dhaabuun itti fufuu isaan, kunis tajaajiila Baankii, eleektrikaa, fi qunnqmtii dabalata jedha.

Uummata torban ja’a ja’an gargaarsa nyaataa argachuu qaban Miliiyoona 5.2 keessaa michoonni keenya fi nutii namoota Miliyoona 1.2 qofa dhaqqabaa jiru. Kunis baaatii 6 booda gargaarsii inni ammaa dhaqqabuu isaani ta’u dubbatan.

XS
SM
MD
LG