Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Ajjeechaalee fi Miidhaalee Jumlaa Tigiraay Lixaa Keessatti Raaw’ataman Ilalchisuun Ibsa Baaste  


Yunaayitid Isteetis Ajjeechaalee fi Miidhaalee Jumlaa Tigiraay Lixaa Ilaalchisee Ibsa Baaste
Yunaayitid Isteetis Ajjeechaalee fi Miidhaalee Jumlaa Tigiraay Lixaa Ilaalchisee Ibsa Baaste

Yunaayitid Isteetis miidhaaleen sab-lamummaa irratti hundaa’anii biyya Itiyoophiyaa, Tigiraay gama Lixaa keessatti aangawoota Amaaraatiin raaw’atamuu gabaasaaleen ba’an itti fufuun guddaa yaaddoo qabaachuu ishee dubbachuun ka jalqabu, ibsi Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis irraa har’a bahe kun, gabaasaalee waloo gidduu kana dhaabbatoota mirga namoomaa lama – Hiyuumaan Raayitis Wachii fi Amnestii Internaashinaaliin bahe akka wabii tokkootti eeree jira. Keessumaa immoo, gochaaleen raaw’ataman sadarkaa duguuginsa sab-lammiitti akka ilaalaman gabaasaaleen kun adda-baafachuun guddaa na jeeqee jira, jetti Yunaayitid Isteetis. Lammiwwan Itiyoophiyaa sab-lammii Tigiraawaay kumootaan lakkaawaman Tigiraay Lixaa keessatti murtii seeraa malee qabamanii haala lubbuu isaaniif sodaachisuun hidhamuu itti fufuu rifaatuu guddaadhaan hubannee, jirra jedha – ibsichi.

Namoonni haala akkanaan ammallee hidhamanii jiran akka hatattamaan hiikaman kan gaafatte Yunaayitid Isteetis to’attoonni idil-addunyaa manneen hidhaa mara seenanii ilaalan, akka aangawoonni dhimmi isaa ilaallatu eyyamaniif cimsitee akka gaafattu kan ibsite Yuanaayitid Isteetis, rakkoo uumame sanaaf akka qaama furmaata tokkootti qorannaalee amanamoo tahan akka geggeeffamanii fi qaamni waraanichatti hirmaate gochaa raaw’ateef akka itti gaafatamu ejjennoo cimaa duraanuu qabnuun itti fufna, jetti.

Mootummaan Itiyoophiyaa ogeeyyii Koomishinii Tokkummaa Mootummootaa dhimma mirga namoomaa Itiyoophiyaa qoratan akka deggeru jajjabeessina, jedha ibsi Ministirii Dhimma Yunaayitid Isteetisiin bahe kun. Waliigaltee lola dhaabinsaa mootummaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsa Tigiraayiin dhiheenya tolfame jabeessinee deggerra, jedhee humnoonni hidhatan kamuu dhiittaalee mirga namoomaa fi hookkara uummata Siivilii irratti geggeessamu akka balaaleffatanii fi irraa of dhaaban Yunaayitid Isteetis irra-deebitee gaafatti, jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG