Prezidaantiin Tunisiyaa aangoo isaaii jajjabeefachuu isaanii mormuun uummanni dhibba hedduun magaalaa galma mootummaa biyyatti Tunisiyaa keessatti Dilbata kaleessaa hiriiranii jiru.Qeeqxonni prezidaantichaa kun foonqoolcha mootummaati jedhu.
Paartii Islaamummaa guddicha kan biyyatti Ennahdha jedhamuu fi namoonni siyaasa mormiituu wal ta’uun hiriira Dilbata kaleessatti qindeessan kun, dhiyeenyatti prezidaantiin biyyatti Bona dabree aangoo eega qabatanii as mormiin ennaa ka’u isa dhiyeeenya kanaa ta’u isaati.
Yeroo sana prezidaant Kais Saied paarlaamaa biyyatti hojii dhaabsiisanii aangoo jiru hundumaa ofii fudhatan.Hiriirtoota kana keessaa tokko kan ta’an Alii Beelheedi akka jedhanti Kais Saiedprezidaantichi faallaa ofii, uummataa fi heera biyyatti dhaabachuun waan kakatanii aanoo itti qabatan Sanaa kabajuu dadhaban
Deggeertoota prezidaantichaa fi hiriirtoota giddutti falmiin kan ture yoo ta’u, deggeraa prezidaantichaa keessaa tokko hiriirtootaan isin gantuu dha ittiin jedh.
Prezidaantiin biyyatti Bitooteessa 31 darbee kana paarlaamaa diiguun rakkoo siyaasa biyyatti keessaa hammeessuun, mormiitoota biraa mufannaa kakaase.Mormiitonni akka jedhanti Tunisiyaan gara bulchiinsa abbaa irreetti deebi’uu maltii jedhu.