Xurree ittiin seenan

Breaking News

Faransaayii Keessatti Filannoon Prezidaantummaa Gaggeffamuuf Jira


Kaadhimamtoota Filannoo Ferensaay

Prezidaantii Faransaayii Imaanuu’eel Maakroon fi hoggantuun kanneen mirga leellisanii Marine Le Pen dorgommii prezidaantummaa Ebla 24tti karoorfameetti wal dorgomuuf jiru.

Kunis Dilbata kaleessaa marsaan duraa eega gaggeeffame booda yoo ta’u sagalee kenname keessaa harka 90 caalaa lakka’ameen, Maakroon sagalee harka 27 Le Pen immo harka 24 argatan.

Sagaleen kenname kun, prezidaant Maakroon akka ammaan duraa sagaleen argatan hanqataa dhufu isaa fi sagaleen duraan kenname Le pen gama qaala’iinsa jireenyaan yaaddoo qaban duula na filadhaa irratti ibsan.

Duulan gaggeesse Kanaan, gam kamiifuu akka hin baabsinee akkasumas hundumaa akkan tajaajiiluun ibse. Kana gochuu ittan fuufa. Yoo murteessitan prezidaantii uummata Faransaayii taana jedha Le Pen.

Macron duula na filadhaa boodatti hafuun kan jalqaban yoo ta’u, hojiin tti heddumaachuu fi keessuuma dhimmi Yukreen yeroo keenya fudhate jedhan.

Xiinxaltonni gama isaaniin sodaa qabaniin, filannoo dursaa irratti lakkoobsii namoota ba’anii sagalee kennan xiqqaachuun, filannoo isa xumuuraa irrattis lamaan isaaniitu dhiyaata taanaan haala wal fakkaataatu uumamuuf deema tilmama jedhu qaban.

XS
SM
MD
LG