Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mooraa Baqattoota Ertraa Kan Gondar Keessatti Baqattonni Madaa’uun Ibsamee Jira


Gonder
Gonder

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Gondar kaabaa magaalaa Daabaat keessa kan jiru mooraa baqattonni Ertraa keessa buufatan keessatti walitti bu’iinsa uumamee haleellaa ykn walitti bu’iinsa dhiyeenya ka uumamee kan qoratuu ta’u bulchiinsii dhimmootii baqattoota fi kanneen deebi’anii beeksisee jira.

Dubbii himaan bulchiinsa kanaa Beakaal Nigusee akka jedhanti haallii uumamee haleellaa ala irraa gaggeeffamee ykn walitti bu’iinsa baqattoota giddutti uumamee haa ta’uu murteessuun hin danda’amne.

Bulchaan aanaa Daabaat Gabra Hiwoota Mokaaniit RSA akka ibsanti loola baqattoota giddutti ka’een shan mada’anii jiru. Ala irraa dhukaasii kan ture ta’uus madaan baqattoota shananii kan rasaasaa akka hin taane hin beekama jechuu isaan Masfiin Arraagee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG