Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Amerikaa fi Hindii Giddu Akka Odeeffamu Sana Miti Jedhamee Jira


Prezidaant Baayiden Muummicha Ministeeraa Hindii Waliin gama viidiyoon wal arguun mari'atn
Prezidaant Baayiden Muummicha Ministeeraa Hindii Waliin gama viidiyoon wal arguun mari'atn

Raashaan Yukreeniin eega weerartee booda, Hindiin Raashaa irraa zayiita boba’aa bittu akka hindaballe gaaffii prezidaantiin Amerikaa mummicha ministeera Hindii gaafatan kan ilaaleen walii hin galle oduu jedhu gama lameen gad xiqqeesuun ilaalanii jiru.

Inuumaayyuu walgahii Wiixata kaleessaa sana booda, Diploomaatonni sadarkaa olaanaa qaban, duula waraanaa gaggeeffamu xumuursisuuf deggersa gochuu irratti fullaaffachuun, Yukreeniif gargaarsa dhala namaa kennuu isa jedhu irratti qiyyaafatan.Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan akka jedhanti

Yukreen keessatti ajjeechaan siviiloota gaggeeffamu balaaleeffachuun gocha gara jabinaa gaggeeffame qorannaa walabnii akka gaggeeffamuuf ministeerich paarlaamaa Hindii duratti gaafatan.

Aniis Hindiin gargaarsa dhala namaa guddaa yukreeniif akka laattu hubadheen jira. Kunis Dawaalee akkaan barbaachisoo ta’an fi gaaftamaa jiran dabalata. Hindiin attamitti rakkoo kana dura akka dhaabattu ofii ishee murteeffachuu qabdi.

Nutii duula waraanaa Putiin gaggeessaa jiru kun maal akka hordoofsisuuf jiru fi gocha gara jabinaa uummata Yukreen irratti gaggeeffae kan ilaaleen yaada walii galaa qabnu waltaatootaa fi michoota keenya hundumaa waliin qoddanna jedhan Bliinkan.

Wiixata kaleessaa galgala ministeerri haajaa alaa Hindii dhimmakana ilaalchisee akka dubbatanti waa’ee zayiita bituu dubbataa akka jirtan hubadheen jira. Madda eneerjiif jecha waan Raashaa irraa bitannu ilaalaa jirtu taanaa, qiyyaafanni keessan Awuroopaa irratti akka ta’uun yaada dhiyeessa jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG