Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaa Irra Ugguurri Ka’ame Gatiin Xaa’oo Akka Dabaluu Taasisse: Qonnaan Bultoota


Lolli Raashiyaa fi Yukireen gatiin xaa'oo akka dabalu gochuu isaa qonnaan bultoonni ibsa jiran

Raashaa irra uggurri ka’amee qonnaan bultoota biratti gatiin Gaazii uumamaa fi keessumaa akkaan barbaachisaa kan ta’e gatiin xaa’oo baayyee akka dabaluu waan taaasiseef jecha rakkoo uumuu isaa qonnaan bultoonni dubbataa jiru.

Handaara magaalaa Naayroobitti Qonnaan bultuu kan taatee Monikaa Kariuki iddoo wal waraansii itti gaggeeffaamaa jiru Yukreen irraa qonnaa ishee fagoo jiraatu iyyu, harka biraan weerara Putiin gaggeessaniin ugguura irra ka’ameen kan ka’e miidhamaa jirra jette.

Sababaani isaa hedduminiin gara biyya alaatti xaa’oo kan ergaa ture Raashaa waan taateef jedhan. Caalaatti kan miidhame maatii biyyoota hiyeeyyii keessa jiran ta’u kan ibsee Jaarmayaan Nyaataa fi Qonnaa kan Tokkummaa Mootummootaa torban dabree akka jedheetti, addunyaa irratti gatiin nyaataa bara 1990 as yeroo duraaf baatii Bitooteessaa darbee keessa guddsaa dabalee jira.

Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG