Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Gargaarsa Somaaliyaaf Iyyataa Jira


Faayilii: Soomaaliyaa keessaa namoonni sababaa beelaan qe'ee irraa godaanan gargaarsa eeggachaa jiran.
Faayilii: Soomaaliyaa keessaa namoonni sababaa beelaan qe'ee irraa godaanan gargaarsa eeggachaa jiran.

Somaaliyaa keessatti beellii badii hamaa ituu hin dhaqqabsiisiin dura arjoomtonni addunyaa maallaqa barbaachisu ammuuma akka kennan dhaabbatonni Tokkummaa Mootummootaa gaafatanii jiru.

Lammiwwan Somaaliyaa Miliyoona hedduun gargaarsa lubbuu isaanii du’a irraa olchuu kan isaan barbaachisuu ta’uun ibsamee jira.Caamnii hamaa waggoota sadiif mudatee Somaaliyaa jilbeenfachisee jira.

Ummanni biyyatti Miliyoona 6 ta’u ykn harkii afurtamnii beelli jabaan kan mudatee yoo ta’u sababaan isaa,roobnii waan dhabameef omiishnii karaatti hafee beeleedaleenis jalaaa dhuman jedhamee jira.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhutti, lammiwwan somaaliyaa ofiif nyaata loon isaanii marga dheedichaa barbaachuuf jecha manaa fi qe’e ofii irraa godaanuuf dirqaman, Afuur keessaa harka sadii dha.

Bara keessa jirru 2022f karoora gargaarsa dhala namaa Tokkummaan mootummootaa somaaliyaaf ramadee Doolaar Biliyoona 1.4 keessaa, kan amma argamee harka shanii gadii.

Sagantaa nyaata addunyaaf Somaaliyaatti Daayreekteera Itti aantuu kan ta’an Laaraa Fossi akka jedhanti, maallaqanii waan hin jirreef jecha dhaabatii isaanii namoota gargaarsa argachuu qaban keessaa filachuu qaba.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG