Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoota Gaafa Afrikaatti Jilli Addaa Kan Yunaaytid Istees Angoo Gadhiisaa Jiru


Jilla Addaa dhimmootii gaanfa Afriikaa Deevid Satarfiild
Jilla Addaa dhimmootii gaanfa Afriikaa Deevid Satarfiild

Kutaan gaanfa Afrikaa siyaasaa fi hanqiina gargaarsa dhala namaan muddamsa keessa yeroo jiran kanatti jilli addaa kan Yunaaytid Istees kutaa sanaaf ramadaman Deevid Satarfiild aangoo gadhiisaa kan jiran ta’uun gabaafamee jira.

Eega muudamanii baatii 3 booda gadhiisaa kan jiran ta’u aangawoota maqaan hin ibsamiin kan ammaa fi duraanii barruu Fooreeyin polisii jedhamuuf ibsanii jiru.

Saatarfiild aangoo kana Diploomaatii gameessa kan Yunaaytid Istees Jefrii Feelman kan bakka buufaman yoo ta’u, Feeltman yeroo waggaa tokko hin guunneef jila addaa kan gaanfa Afrikaa ta’uun tajaajiilaa turan.

Barruun kun akka jedhutti itti aanaa jila addaa kan ta’an Peeytan Naaf yeroof bakka bu’anii hojjachuuf jiru.Sattarfiild aangoo gadhiisuu isaanii fi maaliif akka gadhiisan dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes mirkaneessuu fi ibsuu didanii jedha barruun Fooreeyiin Polisii jedhamu kun.

Jalqaba bara 2020 tti kan jalqabamee walitti bu’iinsa mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduu kan ilaaleen walii galteen akka tolfamuuf hojjataa kan turan yoo ta’u, sana booda gara wal waraansa siviilitti babal’atee uummata miliyoonni lama manaa fi qe’e ofii irraa godaansisee jira.

Biyya ollaa kan taatee Sudaan erga baatii Onkolooleessa keessa mootummaan ce’umsaa siviilootaa fi waraanaan hundeeffame irratti fonqoolchi mootummaa gaggeeffame as, jeeqamsa keessa jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG