Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Hawaasaa Keessatti Hiriirrii Mormii Gaggeeffame Jira


Naannoo Amaaroo
Naannoo Amaaroo

Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa keessatti bakka buutonni aanaa addaa kan Amaaroo Hawaasaa keessatti hiriira ba’uudhaan haleellaa shaneen nu irra ga’e jedhan itti fufuu isaa mormanii jiru.

Gareen riphxee looltootaa kun jedhan naannoo sana irra deeddebi’ee seenuun siviiloota ajjeesaa fi qabeenya hata jedhan.Namoonni kuma 30 ta’an manaa fi qe’e ofii irraa godaanuun haala gargaarsa dhala namaa hamaa keessa jiru jechuun, bakka buutonni hawaasicha RSA ibsanii jiru.

Siviloonni 200 caalaan wagootii muraasa as dhiyoo ta’an keessatti shanee kan ittiin jedhaniin ajjeefamuu dubbatan.

Dubbii himaan waraana bilisummaa oromoo Obbo Odaa Tarbii haleellaa siviiloota irratti gaggeeffama jedhanmu guutuummaatti soba jechuun dubbatanii turan.

Kana malees aangawaa naannoo kan godiina Gujii Dhiyaa Galaanaa Waradaa ajjeesan jechuunis himatanii jira.Namoonni ijaan arginee jedhan akka dubbataniitti kun kan ta’e hidhattonni kun Awutoobuusa daandii guddaa irratti dhaabsisanii eega qabeenyaa imaltoota 40 saamanii booda jedhu.

Achiis hogganaa dargaggootaa Saalii Baannataa ajjeesan jechuu isaanii Yonaataan zabdiwoos gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG