Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Waan Nyaatan Dhabuun Dheessaa Jiru :Angawaa


Naannoo Amaaraa
Naannoo Amaaraa

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina Waag Himra lafa ABUT to’ataa jiru keessaa namoonni 200 ta’an nyaataa fi dawaa dhabuun dheessaa kan jiran ta’u/ aangawoonni naannoo RSA ibsanii jiru.

Guyyaa guyyaatti namoonni 200 manaa fi qe’e ofii gadhiisanii godaanuun magaala Godinaa kan taate Saqooxaa akka seenan dubbii himaan bulchiinsa godinaa Obbo Kefyaaleew Dabesh RSA tti himanii jiru.Lakkoobbsii namoota godaananii kun torban dabree dabaluun isaas ibsamee jira.

Haatii Intala umriin waggaa shanii fi ilma umriin baatii torbaa qabattee saqooxaa dhaqqaban Aaddee Tsagaa Masarat imaltuu hamaa keessa darbuu fi rakkoo isaan mudatee ibsanii jiru.

Waaniin nyaadhu dhabeeb lubbuun turuuf jecha biyyoo nyaadhe, Ijoollee koottis biyyoon waan gaarii akka ta’e itti himee akka nyaatan taasisee jechuu isaanii Asteer misgaanaaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG