Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Gaanfa Afrikaa Haanga’otaa Itiyoophiyaa Waliin Marii Taasisaniru


Jilla Addaa dhimmootii gaanfa Afriikaa Deevid Satarfiild

Hojii isaanii gad lakkisuuf deemaa jiraachun isaan kan ibsame gaanfaa Afrikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteets Ambaasadar Deeviid Saatarfiild Haanga’otaa mootumma Itiyoophiyaa waliin marii taasisuuu isaanii dubbi himaan ministeeraa dhimma alaa Itiyoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii ibsaniiru.

Ambaasadar Diinaan Ijoo marichaa baldhinaan ibsuu baatanus, wa’ee gargaarsaa namoomaaf jecha lola dhaabinsaa taasifamee fi dhimmota biroo irratti akka ta’e eeraniiru.

Itiyoophiyaatti argamuu Ambaasadar saatarfiild ilaalchisuudhaan Embaasii yunaayitid Isteets finfineetti argamuu irraa ibsii bahe akka jedhetti, daawannaan isaanii qaamaa rakkina kaabaa itiyoophiyaa keessa jiruuf fala xumuraa barbaachuu irratti yaalii US taasisaa jirtuuti.

Haanga’onii Itiyoophiyaa TPLF naannoo Affaar keessatti bakkeewan qabatee jiru akka gadi lakkesee bahuu Yunaayitid Isteets akka dhiibaa gootu gaafachuun isaaniis gabaasameera.

Ambaasadar Deeviid Saatarfiild, Jila addaa gaanfa Afrikaa Ta’anii ergaa ramadamanii ji’a muraasaa gidduutti sababa isaan oji isaanii gad lakisuuf murteessan mootumaan Itiyoophiyaa akka hin beekne Ambaasadar Dinaa Muftii himuu isaanii Kenedi Abatee gabaaseeraa.

Karaa biraatiin waa’ee hojii gadi lakkisuu Deeviid Saatarfiild kan gaafataman Dubbii himaan Ministeeraa dhimma alaa yunaayitid isteets Niid Praayis, Ambaasadar Saatarfiild fi Itti Anaan isaanii Paayiton Noof yeroo amma dhimma gargaarsa namoomaa, dhimma wal loliinsaa dhaabuu fi nagaa buusuu , qorannoo sarbiinsa mirga namoomaa ilaachisee , haanga’ota mootummaa Itiyoophiyaa bakka bu’ootaa dhaabbilee gargaarsaa namoomaa fi diplomaatotaa wajjin marii taasisaa akka jiranjiran himuun isaanii beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG