Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nammii Balaa Boombii Niyoorkin Shakkamee Mana Murtiitti Dhihaate


Faayilii: Shakkamaa haleellaa baabura imaltootaa Niw Yoork Fraank R. Jemes
Faayilii: Shakkamaa haleellaa baabura imaltootaa Niw Yoork Fraank R. Jemes

Qibxata dheengaddaa Ebla 12 magaala Niwu yoorkitti baaburaa namoottan Fe’ee deemaa jiru keessatti boombii araan mana ukaamsuu ergaa darbatee boodaa dhukaasaa banee namootan 10 ta’an madeesuudhaan nammi shakkame Roobii kaleessaa qabamee guyaa har’aa Ebla 14/2022 mana murtii feederaalaa Niwu Yoorkitti argamuutti dhihaachuun isaa beekameeraa.

Nammi waggaa 62 Shakkaman Fraank R. Jems kaleessaa achumaa magalaa Niyoork keessa bakka maanhaatan jedhamutti kan qabamuu danda’e ergaa poolisiin eera argatee boodaa jedhameeraa. Maddii oduu Assoosheetid preess gamaa isaatiin akka jedhetti, kan poolisootaa bilbilee waamee isuma shakkamichaa mataa isaa akka ta’e haanga’otaa Poolisii waabefachuudhaan gabaaseera.

Abbaan alangaa feederaalaa Bree’on Piis akka jedhanitti Fraank R. Jems rasaasaa 33 namoottan irraatti dhukaaseraa. Himannaan Shororkeesumaa feederaalaa kan irratti dhihaachuuf jiru Fraank R. Jems gareewwaan Shororkeesitootaa wajin hidhata qabaachuuf dhiisuun isaa amma amaatti wantii beekame hin jiru.

Fraank R. Jems yoo yakkamaa ta’uun isaa mirkaanaawe adabbii hidhaan umurii guutuu akka isa eeggatu gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG