Yunaayitid Isteetes gargaarsa meeshaa waraanaa dabalataa Miiliyoonii 800 ta’u Yukireeniif ergaa jiraachuu ishee prezidant Joo Baayiden beeksesuun isaanii gabasameeraa.
Presidant Baayiideen Roobii kaleessaa Presidantii Yukrenn Volodmiir Zelenskii wajjin haasa sa’aatii tokko ta’u iragga taasisanii booda Yunaayitid Isteetse , yuukireen akka weerara Raashaa of irraa ittisuu dandeesuuf gargaarsaa ishii akka itti fuftu ibsaniiru.
Gargaarsa meshaalee waraanaa kana ilaalchisee ibisi Peentagoon irraa bahe akka jedhetti, gargaarsa kana keessaa Misaa’elootaa 500, Xiyaaraa nam-malee ykn diroonii 300, konkola’atootaa waraanaa 300, Helikoopterootaa 11 , akkasumas wanneen keemikaalaa nukireeraa irraa of ittisuu dandeesisan 30,000 ta’aniidha.
Itti gaafatamaan dhimmaa preesii peentaagoon Joon Kerbii ,gargaarsii meeshaa kun yemuu Raashaan helikoopterootaa dabalatee biyyaa Beelaa Ruus keessatti umna waraana ishee deebistee ijaaraa jirtutti akka ta’e himaniiru.
Odeeffannoo walqabateen dooniin Raashaa misaa’elaa Kiruuzer Mooskiivaa jedhamu baatee galaana gurrachaa irraa ture irratti haleelaa raawwatameen midhaan irraa gahuu isaa haanga’onii umna ittisaa mootummaa Raashaa beekisisaniiru.
kutaa biyyaa Yuukireen kan taatee bulchaan Odeessaa dooniinRaashaa kun kan haleelamee kiruuz misaa’elii lamaan akka ta’e himuun isaanii gabaasameera. Misaa’elootaa sana eenyuu akka dhukaasee hin ibsamne.