Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiileen Sudaan Kibbaa Balaa Beelaa Hamaadhaaf Akka Saxilamaa Jiran Ibsame


Faayilii; Lammiiwwan Sudaan
Faayilii; Lammiiwwan Sudaan

lammiileen Sudaan Kibbaa Miiliyoonii 7.7 ta’an baraa kana ji’a Caamsaa fi Adoolessa gidduutti hanqinaa midhaan nyaata fi beelaaf akkaa saaxilaman dhaabanii mootummootaa gamtoomanii akeekkachiseera.

Akka xiinxallii haalaa midhaan nyaataa mootummoota gamtoomanii torban kana bahee jedhetti namoottaa haalaa daran hamaa ta’ee keessaa jiran 87,000 keessaa baayeen isaanii du’uu danda’u.

Sudaan Kibaattii Itti gaafatamaa dhaabaata midhaaniif qonnaa FAO kan ta’an Meshack Malo akka jedhanitti, warreen balaa kanaaf saaxilamanii jiran keessaa miiliyoonii 1.34 kan ta’an da’iman nyaataa qaamaa isaanii jabeessu argachuu hin dandeenyee fi dubartootaa ulfaa 676,000 ta’anuudha.

Kun kan walqabate omisha midhaanii gadi bu’aa ta’eefi dhukubaa beelladoota muudaateeni. Kun immoo tarsiimoo dandeetti maatiwan rakkinaichaa dandamachuuf qaban jalaa hanqise. Balaan wal irratti daddabalame biyyatti keessatti caraa galii argachuu gabaabse.

Rakkina beelaa kanaaf sababa ijoo kan ta’an keessaa, haalli jijirama qileensaa isa tokko yemuu ta’u, waggoottan Sadan darbaniif lolaa hamaan hongeedhaa wajjin wal jijjiraa mulachaa turee omishaa midhaan nyaataa waan barbadeeseefi. Wal lolinsii lammiilee biyyattii giduutii taasifamaa jiru, qaala’iinsii gatii midhaan nyaataa, misoomni bu’uraa barbaachisaan guutamuu dhabuun isaa rakinichi akka daran jabaatu taasisuun isaa gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG