Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Paarlaamaa Somaaliyaa Haaraan Hirbuu Seenan


Faayilii: Miseensota paarlaamaa Somaaliyaa
Faayilii: Miseensota paarlaamaa Somaaliyaa

Miseensonni paarlaamaa Somaia dhibba irraa harka 80 ta’au filannoo irra deddeeb’uun boodatti harkifatee fi prezidaantichaa fi muummicha minister biyyattii gidduutti uumametti aansuu dhaan kamisa kaleessaa hirbuu seenanii jiran.

Dura taa’aan koree filachiiftuu Somaaliyaa Musee Guelleh Yusuf kan eegumsi cimaan taasisamuuf buufata xayyaara Moqaadishoo keessatti sirna qopha’e irratti kun adeemsa filannoo Somaaliyaa keessatti fooya’iinsa guddaa dha jechuun ajaa’ibsiisataniiru.

Waggoota lama yeroo ta’uuf lafa irra harkifataa yeroo dheeraa kan fudhate adeemsi filannoo yeroo itti xumurame yeroo seena qabeessa ture. Seera tumtoonni 290 ta’an hirbuu kan seenan yoo ta’u, kanneen hafan immoo guyyoota itti aanan keessa hirbuu seenu jedhamee eegama jedhanii, kutaalee HIrshabelle fi Jublaand-f barchummi 25 hin guutamin jira jedhan.

Miseensi paarlaamaa haaraa gameessi Abdisalam Dabaan’ad hanga afaan yaa’iin filatamutti dura taa’aa ta’anii tajaajilu.

Paarlaamaa haaraan filatamuu isaan taajjabdoonni siyaasa Somaaliyaa keessaa xiqqoo boqonnaa argatanii jiran.

Hirbuu seenuun sun kan raawwatame filannoon geggeessamee prezidaanii haaraan akka filatamu kan taasise dhiibbaa sadarkaa addunyaa baatilee hedduuf geggeessameen booda.

Kan somaaliyaa dhaaf deggersa doolaara biliyoonaan laka’amu kennituu fi loltoonni ishee mootummaan Somaaliyaa garee al-Shabaabitti duuluuf yaalii inni godhu kan deggertu Yunaayitid Isteetis, yeroo filannoo sana eeguu kanneen dhabban angawoota Somaaliyaa irra ugguraa fi uggura visa keessee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG