Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Lolaa Hamaan Afriikaa Kibbaa Keessaa Miidhaa Dhaqqabsiise


Faayilii: Balaa lolaan konyaa KwaZulu-Natal kan Afriikaa Kibbaa dhaqqabsiise
Faayilii: Balaa lolaan konyaa KwaZulu-Natal kan Afriikaa Kibbaa dhaqqabsiise

Angawoonni Afriikaa kibbaa andaara galaanaatti kan argamu biyyattattii gama kibbaa keessatti rooba yandoo roobee lolaa lubbuu galaafate rakkoo inni uume dura dhaabachuuf gargaarsa maallaqaa kan yeroo hatattamaa akka kennamu taasisaniiru.
Prezidaantiin Afriikaa kibbaa Siriil Ramaafoosaa, naannoo sana naannoo balaan itti raawwatame jechuun labsaniiru. Rooba yandoo kana dura argamee hin beekneen namoonni 341 yoo du’an, kanneen kurna kumaan laka’aman immoo qubsuma, bishaanii fi ibsaa dhabaniiru.

Ministeerri faayinaansii biyyattii Enoch Godon-gwana caasaa TV waliin marii geggeessaniin doolaarri miliyoonni $68.3 battala hojii irra kan oolu yoo ta’u miliyoonaan kan laka’amu immoo gara boodaa argamuuf jira. Walumaa gala namoonni 40,723 ta’an miidhaan irra ga’uu isaa bulchaan konyaa KuwaZuluu-Nataal Sihilee Zikalalaa ibsaniiru.

Roobi waa hedduu mancaase dhaabatee aduun ennaa ba’utti immoo sababaa dikee walitt qabameen namoonni abdii kutannaa keessajiraachuu AFPn gabaaseera.

Erga wixata darbee qabee namoonni bishaanii fi ibsaa dhabaniiru jechuu dhaan dhaabbati oduu kun itti dabaluun ibsee jira.
Naannolee biyyattii hanga tokko keessatti biyyattiin balaa uumameef deebii kennuuf boodatti harkifatte jechuun mormiin ka’ee jira. Mootummaan magaalaa Durban ibsa baaseen hamma danda’ametti hattattamaan hojjetaa jirra jedheera.

Tajaajilli haala qilleensaa Afriikaa kibbaa xumura torban kanaa roobi itti dabalaa fi lolaan kutaalee KuwaaZuuluu-Nataalii fi kutaa hollaa jiru Free State fi Cape gama ba’aa keessatti roobuu mala jechuun akeekkachiiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG