Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Uummattoota Kibbaa Daawroo Keessatt Hongeen Hammaate


Naannoo Daawroo
Naannoo Daawroo

keessatti naannoon haaraa tolfame godina Daawroo keessaa uummani kuma 100 ol ta’u gargaarsa nyaataa kan hatattamaatu isa barbaachisa. Itti gaafatamaan waajjira sodaa balaa naannoo sanaa obbo Saanyaa Baanyaa VOAf akka ibsanitti, hongeen mudate sababaa hanqina roobaa arfaasa kan waggaa darbeen jedhan

Kanneen kumaan aka’aman itti dabalaa ennaa naannoon sun kurna tokko keessatti hongee hamaan isa mudatee jirtti balaaf saaxilamanii jiru. Roobi arfaasaa sun baatii Guraandhalaa keessa jalqabee hanga Eblatti roobuu jalqaba. Daawroon biyyattii keessaa naannoo rooba arfaasaa irratti hirkatu keessaa ta’uu Yoonaataan Zebdwoos gabaaseera.

Naannoo kibba gama dhiya Itiyooophiaa godina Daaworoo honge mudateen uummanni kuma 100 ol ta’u beelaaf saaxilmuu komiishinni hojii geggeessuu sodaa balaa kan naannoo sanaa beeksisee jira.

Hongeen sun kan mudate roobi arfaasaa roobuu dhabuu akkasumas jijjiiramni qilleenaa waan mudateef beeladaalee heduun du’uu isaaniin ta’uu komishiner Saagaa Shanee VOAf ibsaniiru. Komiishinerichi akka jedhnitti naannoon sun yeroo rooba arfaasaa midhaan kan biqilchu yoo ta’u yeroo makaraa fi arfaasaatti jiidhaa fi roobi jiru hanqachuu isaatiin oomishi ga’aan hin oomishamne jedhanii kana irraa kan ka’es aanaa Gezoo keessaa namoonni kuma 44 beela’uu isaanii dubbataniiru.

Hongeen sun dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa uummaticha irraan ga’uun isaa ibsameera jechuu dhaan Yonatan Zebdwoos gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG